ONM-ABO Ebla 13, 2025
Dhukkubni busaa Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta’u, rakkoon kun ammoo sababa Bilxiginnaan buufata fayyaa mooraa waraanaa taasisee fi qorichi baadiyyaa akka hin seenne taasifameen booda akka ta’e ni beekama.
Akka kanaanis aanaa Daaboo Haannaa irraa dhukkubni busaa haala duraan barameen olitti hawaasa akka baalaatti harcaasaa kan jiru yoo ta’u, hawaasni hundi sababa ergamtoota Bilxiginnaaf mana yaalaa deemanii akka itti yaalaman dhabuu fi qorichootni qaala’uun dukkaana dhuunfaa irraas humna ittiin bitatan dhabanii garmalee rakkachaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, aanicha keessaa gandoonni akka; Ifa Baas Cooree, Ayinoo Gammoojjii, Caamman Bareedaa, Cooraa Kanaaboo fi kanneen biroo hedduu keessatti dhukkubni kun garmalee hawaasa miidhaa kan jiru ta’uu himuun, yoo yaalaaf gara aanaa deeman, lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti moggaasuun hidhaatti darbatanii akka dararaa jiran dubbatu.
Yoo buufata fayyaa aanaa sanaa deemanis ogeessonni fayyaa achi keessa jiran maqaa ”inshuuraansii fayyaa” jedhuun qarshii saamanii boodarra immoo qorichi akka hin jirre kan himan ykn qoricha xiqqoo qofa namaaf kennanii kan geggeessanii fi dukkaana qorichaa dhuunfaa irraa bitachuuf immoo gatiin garmalee kan itti olka’e ta’uun lubbuun namoota hedduu dhukkuba kanaan badaa jiraachuu itti dabaluun ifoomsanii jiru.

