Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lixa Oromiyaa godina Buunnoo Beddeellee aanaa Makkoo dhuunfachuun meeshaalee waraanaa dhuunfachuu dabalatee diinaa du’aaf madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 17, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii maqaa araaraa dawoo godhachuun bobba’an irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabaa, magaalaa fi mooraa irraa dhuunfachaa jira.

Haaluma kanaan lola kaleessa ganama Sadaasa 16 jajjabeen WBO Birgeediin Eebbisaa Addunyaa tarkaanfii laalessaa lixa Oromiyaa godina Bunnoo Beddellee aanaa Makkoo keessatti fudhateen waraana faashistii Abiy Ahimed magaalaa Makkoo keessa maadheffatanii jiran buqqisuun du’aa fi madoon adabeenii jira.

Lola korommiiwwan ilmaan sabaa WBOn ganamaan magaalaa Gaazii fi Lammataa keessatti waraana maafi’aa PP irratti taasise dura dhaabbachuu kan dadhaban bilxiginnootni, du’aa fi madoo isaanii dhiisuun baqatanii magaalaa Makkootti galaniis, achittis duukka seenuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun keessaa baase.

Tarkaanfii boonsaa irratti fudhateenis Birgeediin Eebbisaa Addunyaa diina irraa 46 ajjeesuu 67 madeessee 12 harkaan qabee jira.

Gama meeshaatiinis qawwee AKM 72, rasaasa 3675, boombii harkaa 20, hidhannoo fi uffata waraanaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun hawaasa tasgabbeessee magaalicha gadhiisee ba’ee jira.

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa kaleessa aanaa Ayiraa ganda Kuree jedhamtu keessatti tarkaanfii fudhateen du’aa fi madoon yoo adabu aanaa Boojjii Coqorsaa keessattis humna aanaa Najjoo irraa baate adabee jira.

Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga mirga abbaa biyyummaatti itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoo!

Exit mobile version