DuulaDhiigaDhiigaanDeebisuu
ONM-ABO Ebla 14, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti kaleessa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sadan Sooddoo, Tolee fi Qarsaa Maallimaa keessatti fudhateen humna diina du’aa fi madoon adabee jira.
Lola kaleessa Ebla 13 aanaa Sadan Sooddoo keessatti taasiseen waraana faashistii irraa 20 ajjeesuun 15 yoo madeessu, aanaa Tolee keessatti ammoo du’aa fi madoo hedduu taasisuun buqqisisiisee madoo ISUZU tokko gara magaalaa Sabbataatti akka fe’attu taasiseera.
Aanaa Qaarsaa Maallimaa keessatti lola hanga galgala kaleessatti geggeeffameen injifannoo boonsaa kan diinni hedduun keessatti du’ee fi madaa’e galmaa’uun ifoomeera.
Tarkaanfiin itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

