Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Harsadee Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sooddoo Daacciitti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee jiraas harkaan qabe

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Gareen maafiyaan Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan sochii sabboonummaa Oromoo cabsuu fi fedhii Oromiyaa akka barbaadanitti cabsanii bulchuuf qaban irraa ka’uun qabsoo uummatni Oromoo karaa ilmaan isaa Waraana Bilisummaa Oromoon geggeessaa jirutti loltoota bobbaasuun lola ijibbaataa geggeessaa jiru.

Haa ta’u malee akeekaa fi kaayyoo ganamaa irratti cichuun roorroo saba isaa irraa buqqisuuf kan qabsa’aa jiru WBO’n tarkaanfii tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irratti fudhatu jabeessuun Zoonii Harsadee keessatti adabbii barbaachisu kenneefii jira.

Kaleessa Guraandhala 14, 2025 Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Burquqee Roobalee  keessatti ganama toora sa’a 4:00 irratti tarkaanfii laalessaa humna diinaa irratti fudhateen 9 ajjeesee 13 madeessuun loltoota PP 2 jiraa booji’ee  jira.

Qawwee AKM 2 hidhannoo waliin irraa hiikuunis galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo akeeka Bilxiginnaan Oromoo jilbeenfachiisee Itiyoophiyummaa dhuunfachiisuuf hojjechaa jiru fashaleessee biyya Oromiyaa gadi dhaabuu lola farreenii fi booddessitoota irratti geggeessaa jiru jabeessee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version