Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Harsadee godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo fi aanaa Tolee keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhachuun injifannoo boonsaa galmeesse

ONM-ABO Muddee 21, 2024

Irree fi Gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Harsadee Birgeediin Caffee Tumaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Sooddoo Liiban jedhamu keessatti Kamisa Muddee 19, 2024 waraana tiksitoota impaayeera Itoophiyaa irratti tarkaanfii laaleessa fudhachuun loltoota 25 irraa ajjeesee 35 madoon adabuun 4 jiraatti harkaan qabee jira.

Tarkaanfii kanaan gama meeshaatiin AKM Turkii 16, isnaayipeerii 1 fi meeshalee waraana adda addaa dugda diina irraa hiikuun moona qabsoo bilisummaa Oromotiif galii godhee jira.

Haleellaan leencicha abdii sabaa WBOn waraana maafiyaa Abiy Ahimed irratti fudhatu itti fufuun godinuma kibba lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Xabalaa Tajii jedhamu keessatti Muddee 20, waraana faashisti PP kanneen haleellaa irratti ta’e haaloo baafachuuf deemtu irratti tarkaanfii fudhachuun loltoota 6 irraa ajjeessuun 4 madeessee jira. Warreen madaa’an afran keessaa ajajaan 100 tokko galgala hospitala irraa du’aan bafaame jiraachuu maddeen keessoo waraana Bilxiginnaa aanichaa himaniiru.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa

Bilisummaan dhiigaan ni dhufa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version