Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Harsadee Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024

Irree fi gaachanni saba Oromoo, falmaan sirna garboomfataa WBOn golee Oromiyaa mara keessatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee jedhamu keessatti har’a Onkololeessa 14, 2024 ergamtoota waraana faashiistii Bilxigginnaa, maqaa caasaa haaraa gandaa gad diriirsuu jedhuun bobbaatee qabeenya uummata irratti saamicha raawwacha turte irratti tarkaanfii laaleessa fudhachuun du’aa fi madoon adabuun barameera.

Tarkaanfii guggubduu leencicha abdii sabaa WBOn Zoonii Harsadee loltoota PP rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun fudhate kanaanis loltoota diinaa irraa battalumatti 18 ajjeesee 22 madeessuun yoo bittinneessu gurmuun saamichaaf bobbaate waraanni weerartu PP rifaatuu fi shororkaa guddaa keessa seentee turuun barameera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version