ONM-ABO Ebla 12,2025
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Harsadee kaleessa Ebla 11, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee Ganda Tulluu Tajii bakka Jijjigaa jedhamuttii fi aanaa Bachoo ganda Simbirroo Cirrachaa iddoo addaa bakka Arsammaa jedhamu keessatti tarkaanfii laaleessaa waraana goleessituu PP irratti fudhachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii fudhatame kanaan Ganda Tulluu Tajii bulchiinsa magaalaa Jijjigaa keessatti loltoota diinaa irraa 9 ajjeessuun 7 madoo dandammii hin qabneen adabuun gama meeshaatiin bireena 1, AKM 6 irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godheera.
Aanaa Bachoo ganda Simbirroo Cirrachaa keessattis loltoota diinaa irraa 20 ajjeessuun 9 ammoo madoo cimaan adabeera.
Lola kanaan ajajoota 100 lama fi miseensa waraana tokko harkaan qabeera.
Gama meeshaatiin bireena 1, isnaayippera 1, AKM Turkii 5, AKM 4 dugda diinaa irraa hiikachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

