Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti haleellaa moortaraa raawwataniin namootni shan miidhamu jiraattootni ONMtti himan

ONM-ABO Sadaasa 17, 2023

Duula waraanaa Oromiyaa mara keessatti kan geggeessaa jiru murni faashistii PP guyyaa kaleessaa Sadaasa 16, 2023 waaree booda godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Roophii Baadiyaa keessatti moortaraan uummata haleeluun namoota shan madeessanii jiru.

Gareen faashistii PP kun ganama irraa ka’uun sakatta’iinsa WBO jechuun ganda Mirgoo keessatti kan bobbaafaman yoo ta’u, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dursee qophaa’ee haleeluun erga miidhaa irraan ga’een booda waraanni murna abdii kutataa kanaa moortaraan ganda Roophii Baadiyaa bakka addaa Raaroo jedhamtu keessatti haleellaa  raawwataniin namoota buna diimataa gurgurachaa jiran shan irraan miidhaa ulfaataa yoo geessisan, dubartiin tokko yaala olaanaaf gara hospitaala Bulee Horaatti deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namootni miidhaan moortara waraanni faashistii PP darbateen irra ga’e kun, daa’ima Bacannee Baallii, dargaggeessa Baallii Damboobii, Guyyee Bokkoo, Geetuu Uturaa fi Lootuu dubartii jedhamtu yoo ta’u aadde Lootuun miidhaa jabaa irra ga’een hospitaala Bulee Horaatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Waraanni faashistii PP godina Gujii ba’aa keessatti erguma maqaan araaraa marsaa 2ffaa jalqabe sochii hawaasa gidduutti taasisaa jiraaniin saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi qe’ee namootaa barbadeessaa akka jiran ni beekama.

Exit mobile version