ONM-ABO Sadaasa 21, 2023
Waraana Bilisummaa Oromoo balleessine, biyyaa baqatan, akkasumas sadarkaa biyyaaf yaaddoo irra hin jiran jechuun murni bilxiginnaa karaa media fi dabballoota isaanii hololaa turuun ni beekama.
Waraana humnaa olii leenjisee bobbaasus waraana bilisummaa Oromoo injifachuu kan hin dandeenye murni bilxiginnaa yeroo ammaa ammoo tooftaa ittiin waraana bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo wal jibbisiisan baafachuun hojjachaa jiru.
Aanaalee lixa Shaggar meettaa Roobii, Jalduu fi Meettaa Walqixxee keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa kun rifeensa namtolchee, ykn Wiigii jedhamuun beekamu dha’achuun nuti waraana bilisummaa Oromooti ofiin jechaa gochoota safuu hawaasaa cabsuu fi saamicha akkasumas ajjeechaa raawwachaa jiru.
Akkasumas uummataan waraanni keenya WBO’n eessa jira? bilbila isaaniitu nuuf ba’uu dide gara isaaniitti deemaa jirra, jechuun sobanii lafa waraanni bilisummaa Oromoo jiru illee akka ittiin qorachaa jiran ibsu.
Uummanni Oromoo warroota farra uummataa kana hordofee heeruu waraana bilisummaa Oromoof akka kennuu fi uummannis akka itti hin siqnee, iccitii hin taane akka hin laanneef, akkasumas, warroota akkanaa kana irraa of eeggannoo gochuu qabus jedhan.

