ONM-ABO Sadaasa 21, 2023
Akka jiraataa bakkichaa tokko Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhetti rakkooleen adda addaa jirattota Oromoo godinicha keessa jiraatan irratti miidhaan gara garaa geggeefamaa jiraachuu ibse.
Aanaan Gooroo jalaqaba lafa Oromoo yoo ta’u uummata Oromoo fi saba Qabeenaa jedhamutu yeroo dheeraaf waliin irra jiraachaa kan turan kan jedhe jiraataan kun, garuu mootummaa bara TPLF gandoota sagal waliin kutanii akka godina Guraagee jala galuu godhan jedhe.
Ergasii kaasee uummanni Oromoo fi Qabeenaa godinicha keessatti argamu afaan Oromoon akka hin baranne dhorkuun, afaanuma Oromoon dubbachuun iyyuu yeroo ammaa baay’ee rakkisaa ta’uu dabaluun ibsa.
Akkasuma magaalaa Walqixxee keessatti konkolaataan gabateen isaa ORO jedhu adamfamee akka bakkeewwan hedduutti saamamaa jiruu fi yeroo nama fe’an illee boodatti hafanii akka fe’an gochaa jirus jedhe.
Uummanni Oromoo fi Qabeenaa godina keenya kana keessaa ba’uu qabu hin barbaannu isaan waliin jiraachuun, isaan ajjeesoodha kanaaf aangoon isaan naannoo kana keessatti qaban akka hojii irra hin oolles barbaanna kan jedhu dhaadannoo isaaniiti jedhe.
Manneen uummataa Oromoo fi Qabeenaa lakkoofsaan hedduu ta’an illee poolisoota sabaan Guraagee ta’anii fi uummata isaanii waliin ta’uun gubuu fi saamuu dabalatee ajjeechaan uummata nagaa irratti raawwatamaa jiraachuu dabaluunis ibseera.
Akkasuma uummanni Oromoo fi Qabeenaa bakkichatti argaman qaama itti iyyatus dhabee dararamaa akka jiranii fi uummanni Oromoo golee Oromiyaa cufa keessa jiran akka birmataniif dhaamsa dabarfataniiru.
Gaaffiif deebii jiraataan bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasise oduun booda isiniif dhihaata.

