ONM-ABO Muddee 30, 2023
Bu’aa siyaasaa keessaa argachuuf jecha murni bilxiginnaa sabaaf saba walitti buusuun hojjechaa kan jiru murni bilxiginnaa baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota akka Mukkiyyee lamaanii, Birbirsaa Gaallee, Dongoroota uusaa fi Birbirsaa Guddaa Saafoolee keessatti osoo hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa impaayerattii ofiin jedhan achi jiranii saba Guraageen ajjeefamaa fi saamamaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Godina Guraagee aanaa Soddoo ganda Rifeensoo, Solloqqee Barbar fi Dugdaa irraa wal gurmeessuun hawaasa Oromoo ajjeesaa fi saamaa jiraachuu dubbatu.
Gandoota armaan olii keessatti namoota xinnaa guddaa osoo hin jenne reebicha irratti geggeesuun qabeenya hawaasa saamaa akka jiran dubbachuun ganda Mukkiyyee lamaanii keessatti gaafa Muddee 28, 2023 nama maqaan isaa Abbullee Bashoo jedhamuu qabeenya isaa erga saamaniin booda ajjeesuus jiraattotni kunneen dabaluun dubbatu.
Akkasuma namoota hedduu waan qara qabuun kan waraanaanii fi mumuran hedduudha jechuun hidhattoota raayyaa ittisa impaayerattii warra ofiin jedhantuu duuban nutti ergee nu ficcisiisaa jiras jedhan.

