Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Wallagga Bahaa, Aanaa Horoo Limmuu keessatti Waraanni Shororkeessaan PP qonnaan bultoota jumulaan ajjeesuu maddeen keenya ONMtti himani

ONM-ABO Sadaasa 25, 2023

Waraanni gooleessaan PP ilmaan namaatiif naasuu hin qabne godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo Limmuu gandoota adda addaa keessatti namoota nagaa fixaa kan jiru yoo ta’u, Sadaasa 23, 2023 ganda Sankooraa keessatti uummata jiruu ofii jiraatutti waraana bobbaasuun namoota 10 ajjeesaniiru.

Sadaasa 24, 2023 Aanaama Haroo Limmuu ganda Hoomii Kalaalaa bakka addaa Jimmaa Daalotaa jedhamutti obboleessa keetu WBO keessa jira jechuun Obbo Dirribaa Waaqgaarii abbaa maatii nama ta’e rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.

Ganduma kana bakka addaa Dabaqqaa jedhamutti ammoo mana Obbo Shallamaa Rattaa qabeenyaa mana keessaa waliin ibiddaan barbadeessaniiru.

Akka maddeen keenya gabaasanitti Aanaa Haroo Limmuu keessatti dararaan ilmaan namaaf hin malle uummata Aanicha irra ga’aa jiraachuu ibsuun aanichi bulchiinsa Waraanaatiin gaggeeffamaa waan jiruuf, namoota hidhamanillee mana hidhaa keessatti gaafachuun akka hin danda’amne ibsaniiru.

Exit mobile version