ONM-ABO Muddee 11, 2023
Sirni diigamaa jiru PPn nagaa waaraa afaan qawweetiin deebisna jechuun uummata nagaa hidhannoo waraanaa hoomaatuu ofirraa hin qabne hidhuufi qabeenyaa jalaa barbadeessuu, akkasumas ajjeesuu itti fufuun Baha Wallaggaa aanaa Limmuu keessatti qonnaan bultoota deggertoota WBOti jechuun jumulaan mana hidhaatti guuraa jira.
Waraanni PP Muddee 06, 2023, aanaa Limmuu ganda Malkalamiitti bobbaa’anii kan turan yoo ta’u, gandicha keessatti namoota argatan hunda ukkaamsuun gara magaalaa Galiilaa geessuun hidhanii akka jiran maddeen keenya himaniiru.
Qonnaan bultoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaa isaanii arganne:-
Obbo Waggaarii Guddataa
Obbo Getahuun Hafqaadiree
Obbo Olaanaa Nagaasaa
Obbo Hordofaa Wiirtuu
Obbo Taakkalaa Baqqalaa
Obbo Aliyyii Geetaahun Hafqaadiree
Obbo Dirribaa Ibsaa
Dargaggoo Lammeessa Ibsaafi kanneen maqaa hin argatiin heedduun jiraachuun beekamee jira.
Akka maddeen keenya gabaasanitti namoonni hidhamanii dararamaa jiran kunneen qonnaan bultootaafi abbootii maatii ta’uu irraan kan ka’e, maatiin isaanii balaa gara garaaf saaxilamaa akka jiranis gabaasaniiru.

