ONM-ABO Sadaasa 28, 2023
Israa’elii fi Hamaas gidduutti wal waraansa dhaabuun guyyoota lamaaf akka dheeratu, qaamolee wal dhaban kana kan walitti fidde Kaataar, osoo waliigalteen Kibxata har’aa hin xumuramin sa’a muraasa dura ibsuu Ajaansi Firaans Pirees gabaaseera.
Sababiin isaas namoonni booji’aman hedduun Gaazaa keessaa bilisa ta’uu fi hidhamtootni Faalasxiin kurnan hedduun gadhiifamuun wal jijjiirraa geggeeffamaa jiru itti fufsiisuufi.
Ministeerri Dhimma Alaa Qaxar ibsa fuula X, duraan kan Tiwiitara ture irratti kenneen, “Gama Falasxiin fi Israa’eliin Gaazaa keessatti boqonnaa namoomaa guyyoota dabalataa lamaaf dheeressuuf waliigaltee irra ga’aniiru” jedheera.
Gareen hidhattootaa Hamaas dheerina kana mirkaneessee kan jiru ta’us, jechi qabatamaan qondaaltota Israa’el irraa hin argamne jedha AFPn.
Yeroon dheerachuun kun kan dhufe booji’amtoonni dabalataa 11 Gaazaa keessaatti yeroo bilisa ba’anitti yoo ta’u, hidhamtoonni Faalasxiin 33 biroon gadhiifamuu isaanii waliin — waliigaltee amma jiruun jijjiirraa isa dhumaa ta’e.
Dheereffamuun waraana dhaabuu kun sadarkaa idil-addunyaatti kan simatame yoo ta’u, barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees ”dukkana waraanaa gidduutti abdii fi namummaan mul’achuu” jechuun dubbataniiru.
Waraana dhaabuun kun lola yeroo hidhattoonni Hamaas daangaa irraan gara Israa’elitti seenaniin jalqabe kan dhaabe yoo ta’u, namoota 1,200, irra caalaan isaanii namoota nagaa ta’aan ajjeesuu fi kurnan hedduu butachuu isaanii qondaaltonni Israa’el himaniiru.
Hojiin haaloo ba’uu Israa’el lafoo fi qilleensa irraan Gaazaa keessatti raawwatte namoota 15,000tti siqan kan ajjeese yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu mootummaan Hamaas naannoo sanaa ibseera.
Wiixata galgala namoonni booji’aman 11 Israa’el akka galan waraanni biyyattii beeksiseera.
”Humnoonni keenya hanga maatii isaanii waliin walitti makamanitti isaan waliin ni deema,” jechuun ibsa baaseen waraanni ”booji’amtoota gadhiifaman yeroo gara biyyaatti deebi’an nagaa kennuu fi hammachuu” himeera.
Gareen kun irra caalaan isaanii lammummaaa biyya lamaa kan qaban yoo ta’an, kanneen gadhiifaman keessaa lammiileen Arjentiinaa, Jarmanii fi Faransaayii ti. Namoonni 11 hundi isaanii Kibbutz Nir Oz irraa akka ta’an hawaasni kun beeksiseera.
Dhufaatiin namoota booji’amanii kun erga mirkanaa’ee yeroo muraasa booda, abbaan taayitaa mana hidhaa Israa’el hidhamtoonni Faalasxiin 33 akka gadhiifaman taasiseera.
Baha Yerusaalemitti hidhamaan Falasxiin Muhaammad Abu Al-Humus gadhiifamuu isaa ”gammachuu ibsamuu hin dandeenye” jechuun yeroo mana isaa seenu harka haadha isaa dhungate, magaalaa West Baankii Beituniyaatti namoonni hedduun dhufanii nagaa gaafachuuf alaabaa magariisa Hamaas mirmirsan.
Garuu naannoo Oferiinitti loltoota Israa’el waliinis walitti bu’iinsi kan uumame yoo ta’u, Faalasxiinonni gommaa gubuu fi dhagaa darbachuun isaanii ibsameera.
Ministeerri fayyaa Faalasxiin akka jedhetti namni tokkos ajjeefameera jechuun Agence France Press gabaasee jira.

