ONM-ABO Sadaasa 28, 2023
Oromootti duulanii cabsuun biyya isaa Oromiyaa qabachuuf hawwii wal fakkaataa mootoliin impaayera Itoophiyaa qabatanii socho’aa turan milkeessuuf, maxxanneen sanyii abbaa isaa deebisuuf gocha bara bulchiinsa Minilik Keessa ilmaan Oromoo irratti raawwataa ture irra caalchisee gochi koloneel Abiy Ayiimad gochaa jiru egeree saba Oromootti yaaddoo uumee jira.
Akkuma kanaanis erga mariin araaraa Taanzaaniyaatti bilxiginnaa fi waraana bilisummaa Oromoo waliin taasifame karaa nagaan furamuu baatee qabee, ajjeechaan jumlaa haleellaa diroonii dabalatee humna lafootiin waraanni isaa gochaa jiruun dhumaatiin geggeefamaa jira.
Dheengadda jechuun Sadaasa 26, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Maleekoo maaramoo keessaa waraanni faashisti PP bakka waaqeffannaa mana amantaatti ol seenuun namoota maqaan isaanii Geetachoo Beekkataa, obboleeyyan sadan Taliilaa Lammeessaa, Taammiraat Lameessaa, Tolinaa Lameessaa, akkasuma obboleeyyan lamaan Jireenyaa Dingat, Solomoon Dingat, Hiikaa Ayyaanaa, Siraaj fi Qabbanaa Bulchaa jedhaman yakka tokko malee rasaasaan waadanii akka ajjeesantu himama.
Dabalataanis godinuma Qellem wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo irraa ka’uun namootni lama gara bulchiinsa magaalaa Gidaamii Osoo deemaa jiranii waraana PPn bakka addaa Hora Giddaa jedhamutti ajjeefamanii Kan gataman yoo ta’u, namootni kunneen eenyummaan isaanii fi maqaan isaanii adda hin ba’iin akka jiru maddeen dubbatu.

