Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Oromiyaa Ona Gullisoo Araddaa Wayyuutti waraanni Mootummaa yakka tokko malee, ajjeesan

SQ-Sadaasa 30/2023

Waraanni Mootummaafi humni tikaa ergaa marii Araaraa Taanzaniyaa Fashala’ee asiitti Dargaggootaafi Sabboontoota Haala nama suukanneessuun ajjeeesu itti fufaniiru.

Lixa Oromiyaa Ona Gullisoo Araddaa Wayyuu manni Bakka Addaa Warranyaa jedhamuutti dargaggoota lama yakka tokko malee Ajjeesuu Maddeen keenya bakkicha gabaasan.

Akka maddeen jedhaniitti; “Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi Waraana Impaayera gidduutti sadaasa 29/2023 ganama barii kaasee adeema tureen waraanni Mootummaa Injifatamuun namoota nagaa qe’ee keessaa deebi’anii rasaasa dbukaasuun wareersa turan” jechuun yaada isani sagalee Qeerroo Bilisummaaf gabaasan.

Dargaggoonni ajjeefaman kun Dargaggoo Guutuu Tasfaa dhalataa Naannoo sanaafi Dargaggoo ammaaf maqaasa hinbarree waliin yakka tokko malee Waraana mootummaan ajjeefamuun gabaafame.

Exit mobile version