Giddu Galeessa Oromiyaa Ona Ammaayyaa Araddaa Ajjamootti Waraanni Bilxiginnaa Mana jiraattoota guban.
(SQ-Caamsaa 21/2022)
Kibba Lixa Shaggar Ona Ammaayyaa Ganda Ajjamootti
Warraanni Bilciginnaa Lola Waraana Bilisummaa waliin geggeesseen Injifaatamee Mana Uummata gubuun maddeen sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaasan. Namoonni Mannii Jalaa Gubates;
1,Obbo Bayyeera Magaarsa
2,Obbo Ebbisaa Camadaa
3,Darrajjee moosisaa
4,Adduunya Dabaree
Akkasumas Dargaggoo Jireenya fi
Milkisaa Adunyaa yakka tokko malee Ajjeesuun yakka dhala namaaf hinmallee raawwatan.

