Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee fi aanaa Shaallaa keessatti ergamtootni murna PP uummata hiraarsaa jiraachuu jiraattotni dubbatan

ONM-ABO Mudde 1, 2023

Kaabinootnii fi jaarsoliin maqaa Abbootii gadaa moggaafatan uummata nagaa hiraarsaa jiraachuu jiraattotni magaalaa Shaashamannee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Caasaa murna bilxiginnaa magaalaa Shaashamannee kan ta’aan kaabinee fi abbootiin gadaa kun maqaa abbaa Gadaa dahoo godhachuun magaalicha keessatti namoonni maqaa siyaasaan shakkaman gaaffii tokkoo malee akka isaan rukutamanii fi manaa hidhaatti guuraman irratti mari’ataniiru.

Keessattuu maatii qabsaa’otaa kan ta’aan irratti xiyyeeffachuun qabeenyi isaanii akka samamu bulchiinsa magaalaa Shaashamannee fi hojii raawwachisaa magaalichaa wajjin ta’uun uummata nagaa hedduu isaanii mana hidhaatti guursisaa jiraachuu himan.

Maatii qabsaa’otaa kan ta’aan irratti murni faashistii PP tarkaanfii du’aa akka fudhatuu fi hojiin nu agarsiisuu qaba jechuun abbootiin gadaa PP kunneen qaamota bilxiginnaa wajjin ta’uun irratti mallatteessanii jiru.

Maqaa abootii gadaa PP uummatni qulqulluu akka ajjeefamaniif mallatteessan keessaa muraasni Ganamoo Alaakoo, Nageessoo Gammachuu, Nugusee Gammachuu, Bushushii Buutaa, Fanoo Safawoo, Baayyuu Haji Shaambii, Gariibaa Galgaluutii fi Sheek Amaan Hasan yoo ta’aan, warri kun bulchiinsa magaalaa Shaashamannee obbo Adaanee Waashoo fi hojii geggeessaa magaalichaa Abdoo Gabawoo waliin ta’uun gocha hammeenyaa kana uummata irratti dalagaa jiru.

Haaluma wal fakkaatuun godinuma kana aanaa Shaallaa keessatti namootni maqaa abootii gadaa da’oo godhachuun murna PP kanaaf ijaa fi gurra ta’uun uummata dararaa jiran; Qabatoo Tufaa, Batii Daddafoo fi Qabatoo Galgaluu  ta’uun barameera.

Murna bilxiginnaa gocha suukanneessaa uummata Oromoo irratti raawwatuu fi waggaa lamaan dura guyyaa akka har’aa Muddee 1, 2021 tuuta jila abbootii gadaa 14 abbaa gadaa waliin ajjeese waliin warreen uummata keessan darartan Oromummaan isinitti haa dhaga’aamu, gocha keessan irraa dhaabbadhaa jechuun jiraattotni magaalaa Shaashamannee fi Shaallaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version