Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti Saamichi murna PP’n nurratti gaggeeffamaa jiru jabaachaa jira jedhu jiraattotni

ONM-ABO Muddee 2, 2023

Duula kutaalee Impaayerattii garaa garaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti gaggeeffamaa ooluun Kufaatii diinagdee ulfaataa Keessa kan seenan murnoonni PP, rakkoo kanarraa of damdamachiisuuf maqaalee hedduu golgaa taasifachuun uummata nagaa irratti saamicha raawwachaa jiru.

Haaluma kanaanis, Baha Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Doddotoo Majoo keessatti Saamichi nurratti gaggeeffamaa jira kan jedhan jiraattotni, kaabinootni sirnichaa uummataaf gara laafina hin qabne gibira jechuun tokkoo tokkoo namootaa irraa qarshii 1200-1500 funaanaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti, walga’ii yeroo darbe Sadaasa 27, 2023 kaadirootni Bilxiginnaa uummata yaasuun aanicha keessatti gaggeessaniin  Inshuraansiif qarshii 500, uffata milishaaf 850 walumaa gala qarshii 2850 hawaasatti murteessuun humnaan harkaa guuraa jiraachuun beekame.

Rakkoo nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaa impaayerattii mudatee jiruun rakkoo hamtuu dhamdhamaa kan jiru uummatni Oromoo, Tibba qe’ee namoota hedduu keessa waanti nyaatanii bulan dhibee maatii hedduun garaa qullaa bulaa jiru kanatti Murni PP ta’e jedhee uummata saaamuuf karoora baasuun sirnichi marartee Uummataa akka hin qabne mullisa jedhu jiraattotni.

Exit mobile version