ONM-ABO Amajjii 23, 2024
Duulli saamichaa walitti fufiinsaan ilmaan Oromoo irratti adeemsifamaa jiru hammaachuun Oromiyaa cufa keessatti godinootaa eegalee hanga aanotaa fi gandoota xixiqqaatti caasaan murna Bilxiginnaa uummata nagaatti bobbaafaman guyyaa irraa gara guyyaatti maqaa adda addaa gargaaramuun sabbata haadha iyyeessaa hiikanii maallaqa hawaasa harkaa saamaa jiru.
Haaluma kanaanis Baha Oromiyaa godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Gabbisii Fi Ifaa keessatti kaabinootni PP uummata nagaa hiraarsuuf ergama sirnichaa fudhatanii socho’an, dheengadda Amajjii 19, 2023 irraa eegaluun tokkoo tokkoo manneen jiraattotaatti milishoota bobbaasanii sababa hin beekamneen qarshii 3060 guuraa jiraachuun beekame.
Hawaasa harka qalleessa hojii guyyaa hojjetu irraa soora ilmaan isaatii guutuu hanqachaa jiru, uummata sababa rakkoo qaalayiinsa jireenyaa impaayerattii keessa jiruutiif waan fuudhuuf dhiisuu wallaalee gadadoo jireenyaa hamtuu keessummeessaa jirutti gara laafina tokko malee bobba’uun namootni saamanii saamsisaa jiran Galatoomaa Bulchaa fi Abdallaa Daawwid kanneen jedhaman ta’uunis dubbatameera.

