Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessaa shammarran lamaa fi dargagoonni lama hidhamuun dhaga’aame

ONM-ABO Mudde 4, 2023

Maqaa waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu, odeeffannoo kennituu fi hariiroo isaanii qabdu  jedhuun ilmaan Oromoo golee Oromiyaa mara keessatti waraana shororkeessaa PPn hidhamanii hiraarfamuu itti fufanii jiru.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulama Canqoo iddoo addaa Bookee jedhamuun waamamu keessatti torbee darbe Sadaasa 30, 2023 shammarran maqaan isaanii Aashaa Aliyyii fi Angaatuu Taajoo jedhamaniin duras isintu Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachisaa ture, ammas qeerroo baqatan lafa isaan jiran isintu beekaa nutti himaa jechuun qabanii hidhuun dararaa jiraachuu maddeen himan.

Akkasumas gandichuma keessaa Muddee 1, 2023 dargaggoota maqaan isaanii Magarsaa Muummee fi Firoomsaa Hasanoo jedhamanis badii tokko malee qabanii hidhuun dararaa jiru.

Akka maddeen jedhanitti shammarran kunneen miidhaa waraanni kun irraan ga’een nyaata nyaachuu illee dadhabuun rakkachaa akka jiranii fi jaarsoliin naannoo isaanii Jimaata darbe Muddee 1 ni gorfannaa gadi nuu dhiisaa jedhanii gaafatanis, kana dura maaliif hin gorfanne? Isinuu ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, jaratu isin ergate jechuun jaarsolii ari’uu maddeen Hawwaa Galaan ONMtti himaniiru.

Exit mobile version