ONM-ABO Mudde 4, 2023
Somaaliyaatti Ergamaan Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) fi Waajjirri Deggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSOS) Sanbata dheengaddaa waliin ta’uun loltoonni isaanii biyyattii keessaa marsaa lammaffaaf Muddee keessa ba’uu akka jalqaban beeksisuu dhaabbanni oduu Chaayinaa Jiinu’aan gabaase.
Bakka bu’aan addaa Dura Taa’aa Koomishinii Gamtaa Somaaliyaa fi itti gaafatamaa ATMIS kan ta’aan Mohaammed El-Amine Soyu’ef akka jedhanitti adeemsi loltoota 3,000 biroo Somaaliyaa keessaa baasuu jalqabuu dhuma Fulbaanaa xumuramuuf kan yaadame ta’us gaaffii mootummaan Somaaliyaa rakkoo teekinikaa dhiyeesse hordofuun dhaabbatee ture.
“Sadarkaa teekinikaa garee sadiitiin qaamolee sadan gidduutti marii bal’aa erga goonee fi qajeelfama Gamtaa Afrikaa fi Murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2710 (2023) waliin walsimsiisuun booda, kaleessa ATMIS loltoota 3,000 baasuu deebisee eegaluu beeksise.
Yeroon loltootni kun Somaaliyaa keessaa ba’aanii itti xumuran Muddee 31, 2023,” jechuun Soyu’eef ibsa waloo gaazexeessitootaaf magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti kennaniin dubbataniiru.
Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Somaaliyaa Huseen Sheek Alii mootummaan yeroo murtaa’e kabajuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Humnoonni Nageenya Somaalee (SSF)f buufatni waraanaa saddeet loltoota ATMISn dabarfamee kennamu to’achuuf qophaa’uu isaanii hubachiisaniiru.
Aliin lammiileen Somaaliyaa adeemsa ce’umsaa kana akka deggeran waamicha dhiyeessuun, mootummaanis ta’e hawaasni addunyaa adeemsa ce’umsaa kana arguuf kutannoo qaba jedhan.
Marsaa jalqabaa kan ji’a Waxabajjii keessa xumurameen, ATMIS loltoota 2,000 ofirraa baasuun, to’annoo waraana torba Humnoota Nageenyaa Somaaleetti akkaataa murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2687 fi 2670 ajajuun dabarseef.
Hoggantuun UNSOS Ayisaa Kiraboo Kachiyira, UNSOS hojiiwwan itti fufanii jiraniif deeggarsa loojistikii kennuu, ce’umsaa fi adeemsa kanaaf deggarsa qaamni addunyaa taasisu akka itti fufu ibsuu Jiinu’aan gabaaseera.

