Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Somaaliyaa keessatti shororkeessitoonni al-Shabaab 23 ol kan ajjeefamuun hedduun ammoo madaa’an

ONM-ABO Sadaasa 13, 2024 

Humnoonni basaasaa fi tikaa Somaalee shororkeessitoota al-Shabaab gara kurnan lamatti dhiyaatan duula giddu galeessa naannoo Galmudug keessatti raawwataniin ajjeesuu isaanii ibsi seeraa Kibxata kaleessaa ba’e ni ni mul’isa.

“Naannoo Galgaduud magaalaa Galkad naannoo Dharaarweyin keessatti hojii Ejensiin Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NISA) dheengadda galgala gaggeesseen miseensonni Al-Shabaab 23 ol ajjeefamaniiru,” jedha ibsi ejensichaa.

“Operaashiniin bal’aan kun konkolaattota Al-Shabaab meeshaa waraanaa fi rasaasa geejjibuuf itti fayyadaman sadii barbadeessuu qofa osoo hin taane, miseensonni isaanii hedduun miidhamanii fi Humni Biyyaalessaa isaan ari’aa jiruun miliquuf akka rakkatan taasiseera,” jedha.

Ibsichi garuu hidhattoonni kunneen haleellaa qilleensaatiin ykn duula lafaa irratti raawwatameen akka ajjeefaman hin ibsine.

Waraanni Somaaliyaa milishoota biyya keessaa fi michoota idil-addunyaatiin deggaramee bara 2022 irraa eegalee garee kana irratti hojii fi haleellaa gaggeessaa jira.

Biyyattiin waggootaaf nageenya dhabuun kan dhiphatte yoo ta’u, balaan guddaan al-Shabaab fi gareewwan shororkeessummaa Daa’ish/ISIS irraa madda.

Al-Shabaab bara 2007 irraa eegalee mootummaa Somaaliyaa fi Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) ergama kallattii hedduu qabu kan Gamtaa Afrikaatiin hayyamamee fi Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniin ajajame lolaa ture jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version