ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024
Waraanni biyyoolessaa Somaaliyaa garee shororkeessummaa al-Shabaab irratti duula waraanaa addaa gaggeessuun ganda tarsiimoo taate tokko bilisa baasuu isaa Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Kamisa kaleessaa beeksise.
“Waraanni Biyyaalessaa Somaalee Al-Shabaab irratti duula addaa geggeesseen, naannoo Galgaduud, Eeldheer irraa kiiloo meetira 18 fagaatee kan argamtu Alii Yabal bilisa baase”, jechuun ibsi ministeerichi baase.
Ibsichi ergamni isheen “Somaaliyaa bilisa baasuuf qabdu kutannoodhaan itti fufee akka jiru” jala sarare. Itti dabaluudhaanis, ”Shororkeessummaa injifachuu fi nagaa deebisuu irratti tokkummaan dhaabbanna,” jedheera.
Waraanni Somaaliyaa milishoota biyya keessaa fi michoota idil-addunyaatiin deggaramee bara 2022 irraa eegalee garee kana irratti hojii fi haleellaa gaggeessaa jira.
Somaaliyaan waggootaaf nageenya dhabuun kan dhiphatte yoo ta’u, balaan guddaan al-Shabaab fi gareewwan shororkeessummaa Daa’ish/ISIS irraa madda.
Al-Shabaab bara 2007 irraa eegalee mootummaa Somaaliyaa fi Ergama Cehumsa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessatti argamu, ergama kallattii hedduu qabu kan Gamtaa Afrikaatiin hayyamamee fi Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniin ajajame lolaa ture.
Gareen shororkeessummaa kun erga preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad garee kana irratti ”waraana hunda galeessa” labsaniin booda haleellaa cimsee jira jechuun France 24 gabaaseera.

