Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisoonni Keeniyaa afur al Shabaabiin Mandeeraa keessatti ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Yoo xiqqaate poolisoonni filatamoo afur garee hojii addaa (SOG) irraa dhufan Kamisa darbe shororkeessitoonni al Shabaab naannoo Guubaa, Elwaak, Mandeeraa Kaawumtii keessatti duula raawwataniin ajjeefamaniiru.

Reeffi isaanii Jimaata ganama erga boombii rookkeetiin socho’uun rukutamee miidhaan irra gahe yeroo dheeraa booda akka argame poolisiin beeksiseera.

Namoonni 6 ammoo Kamisa halkan madaa’anii baafamaniiru.

Poolisiin akka jedhetti walitti bu’iinsa Kamisa darbe Adoolessa 11, 2024 galgala gareen SOG irraa dhufe shororkeessitoota shakkaman naannoo sanatti argaman hordofaa osoo jiruu mudateen shororkeessitoonni al Shabaab shanis ajjeefamaniiru.

Poolisoonni biroo shan kanneen achi buuteen isaanii dhabaman lubbuun yoo argaman  miidhaan garuu irra gaheera.

SOG garee poolisii filatamoo Kutaa Paatroolii Daangaa jalatti argamu yoo ta’u, daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaa isa guddaa sochii shororkeessummaa to’achuuf himatameedha.

Walumaagalatti sochii shororkeessummaa naannoo sanatti raawwatamu to’achuu danda’aniiru.

Qondaaltonni kun Kamisa galgala naannoo sa’atii 6’tti namoota qawwee qaban naannoo sanatti duukaa bu’aa turan.

Isaanis deebisanii rukutanii namoota haleellaa raawwatan keessaa shan ajjeesan.

Naannoon kun naannoo daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaatti kan argaman yoo ta’u, yeroo baay’ee gareewwan shororkeessummaa dhufanii naannicha haleeluun deebi’anii miliqanii dha.

Somaaliyaan bara 1991 kufaatii Ziyaad Baaree booda mootummaa tasgabbaa’aa  kan hin qabne yoo ta’u, Al Shabaab achi keessa maadheffatee mootummaa Soomaaliyaa fi Keeniyaa irratti tarkaanfii fudhachuun miidhaa akka qaqqabsiisaa jiran Star Keeniyaan gabaasee jira.

Exit mobile version