ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Dhuma torban darbeerra giddu-galeessa Somaaliyaatti gosa Mareehaan fi Diir jedhaman gidduutti walitti bu’iinsa dhalateen yoo xiqqaate namoonni 55 ajjeefamuun yoo himamu, hidhattoonni al-Shabaab ammoo haleellaa raawwataniin namoonni baay’een ajjeefamuun ibsameera.
Walitti bu’iinsi Sambata darbe Waxabajji 8, 2024 kutaa bulchiinsa Gaalmuudhugaa keessatti miseensota gosaa gidduutti uumame akka tasgabbaa’uuf mootummaan Federaalaa fi bulchiisni kutaa sanaa gaafataniiru.
Buufanni televizhinii biyyaalessaa biyyattii akka gabaasetti, pirezidantiin bulchiinsa Gaalmuudhugaa Ahimad Abdii Kaarree walitti bu’iinsa gosa gidduutti dhalate mariin furuudhaaf koree jaarsa araaraa hundeessaniiru.
Sabaa-himaaleen Somaaliyaa tokko tokko lakkofsi walitti bu’iinsa gosaatiin ajjeefamanii 60, kanneen madaa’an ammoo 80 qaqqabuu dubbatu.
Walitti bu’iinsa gandoota Laandehaar fi Qalqalloo jedhaman keessatti mudate kana dhaabsisuun kan danda’ame, erga humnoonni mootummaa bulchiinsichaa fi Federaalaa bobbaafamanii boodadha.
Miseensota gosaa lamaan gidduutti walitti bu’iinsi dhalate sababa gaaffii lafa dheedinsaa fi bishaan boollaa anaaf mala jedhuun ta’uusaa buufanni raadiyoo Kulmiiyyee gabaaseera.
Walitti bu’iinsi gosoota lamaan gidduutti dhalatu kun kan jalqabaa miti. Ji’oota lama duras haaluma wal fakkaatuun walitti bu’iinsi uumamee bulchitoonni kutaa biyya sanaa carraaqqiin miseensota gosoota kanneen lamaanii walitti araarsuuf taasisan hin milkaa’in hafeera.
Walitti bu’iinsi kun kan uumame al-Qaa’edaa waliin hidhata kan qabu Al-Shabaabii fi mootummaa Federaalaa Somaaliyaa gidduutti bakka walitti bu’iinsi gosaa kun itti uumametti dhiyootti walitti dhukaasa gurgudda taasisuun isaanii yeroo dhaga’ameen boodadha.
Waxabajji 8, 2024 Al-shabaab mooraa loltootaa kutaa bulchiinsaa Gaalgudduuddii magaalaa Eel-Deer keessatti argamurratti haleellaa tasaa taasiseera.
Haleellaa tasaa raawwatame kana hordofee mootummaan Somaaliyaa bakkawwan ollaa sana jiranirraa humna dabalataa bobbaasuudhaan miseensota garee Al-shabaab 47 ol ta’an ajjesuu fi haleellaa aggaamamee tures fashaleessuu isaa beeksisee ture.
Ministeerri Beeksisaa, Aadaa fi Turiizimii Somaaliyaa ibsa Sambata baaseen duula deebisanii haleeluu humna qilleensaatiin deggarame gaggeessuun miseensota garichaa 47 mooraa waraanaa magaalaa Eel-Deer keessatti haleellaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatameera jedheera.
Al-Shabaab gamasaatiin haaleellicha erga raawwateen booda ibsa baaseen humnoota mootummaarratti injifannoo argadheera jedheera.
Marsariitiin Al-shabaabitti dhiyeenya qabu Miimoo jedhamu haleellaa kanaan ajajoota lama dabalatee loltoota mootummaa 59 ajjeefamuu ibseera.
Eel-Deer karaa gama bahaatiin magaalaa guddoo somaaliyaa, Moqaadishoorraa kiiloomeetira 287 fagaattee magaalaa argamtudha jechuun The East African News gabaaseera.

