Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanaa Wancii fi Ammayyaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti jabaatee jiraachuu jiraattotni himu 

ONM-ABO Mudde 5, 2023

Erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayera Itoophiyaa kanatti dhufee kaasee hireen uummata Oromoo ajjeechaa fi hidhaa jumlaa ta’ee jira.

Namoonni nagaan gochaa isaanii malee maqaa waraana bilisummaa Oromoon yakkamuun yeroo ammaa mana hidhaa keessatti gaagaa’amaa kan jiran yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Wancii fi Ammayyaa keessattis namoonni lakkoofsaan hedduu ta’aan murtii seeraa malee hiraarfamaa jiru.

Aanaa Wancii ganda Dulleelee Billaachaa keessatti guyyaa dheengaddaa jechuun Mudde 3, 2023 nama nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan nama obboo Kinfuu Naggasaa  jedhamu qabanii hidhuun magaalaa Cittuu keessatti dararaa jirus jedhan.

Akkasuma aanaa Ammayyaa ganda Kuraa Goolaa jedhamu keessatti jaarsa umurii 60 tokko irrattis reebicha ulfaataa erga raawwataniin booda mana hidhaatti darbanii dararaa akka jirantu dubbatama.

Aanota kana lameen keessatti yoo xiqqaate maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggartuu jedhuun namoonni 100 ol hidhamanii dararamaa kan jiran ta’uus jiraattootni dabaluun dubbatu.

Exit mobile version