Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa keessatti hidhaa fi saamichi ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti jabaate

ONM-ABO Adoolessa 8, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Karrayyuu jedhamu keessaa torban darbe keessa loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Fayyeeraa Hirphaa jedhamu jalaa loon 3 erga saamanii booda isas ukkaamsanii deemuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun qonnaan bulaa hojii qonnaatiin jireenya dhuunfaa isaa geggeeffatu malee hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabne ta’uu ibsuun, gara jabeeyyiin loltoota PP ammoo sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun gocha dabaa kana irratti raawwachuu dabaluun ibsaniiru.

Impaayera Itiyoophiyaa bara dhufaa darbaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii raawwattu utubuuf kan dhama’u koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun hawaasa maqaa isaan hin qabneen yakkee miidhaa garaa garaa irratti raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Exit mobile version