ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa kutaa Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo hunda dhiiraa fi dubartii, jaarsaa fi jaartii, xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne sobaan yakkee reebuu, saamuu, ajjeesuu fi ukkaamsuun hidhaatti darbatee dararaa jira.
Haaluma kanaan Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti waraanni maafiyaa PP jiraattota irratti reebichaa fi hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Ammayyaa ganda Jammoo Kuraa jedhamu irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Bulloo Baalii jedhamu Onkoloolessa 22, 2024 ukkaamsanii gara mooraa waraanaatti geessuun yoo hidhan, dargaggoota maqaan isaanii Takiluu Mirreessaa fi Lataa Olumaa jedhaman immoo reebicha hamaa irraan ga’anii jiraachuu namoonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka namoonni kunneen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’u, lukkeeleen bilxiginnaa ammoo sobaan yakkee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun gochoota kana irratti raawwachuu dubbatu.

