ONM-ABO Mudde 9, 2023
Hoggantootni olaanoo Chaayinaa jalqaba baatii Muddee keessa tattaaffii mootummaan isaanii filannoo Taayiwaan dhufu gara dabarsuuf godhu ”qindeessuuf” walgahii geggeessuu isaanii odeeffannoon odola kana irraa walitti qabame kan mul’isu yoo ta’u, kunis qaama duula giddu seentummaa filannootti qondaaltonni Taayiwaan akka ilaalan Rooyitars gabaase.
Qondaaltonni Taayiwaan akka akeekkachiisanitti, Beejiing filannoo pirezidaantii fi seera baastootaa baatii itti aanu Amajjii 13, 2024 geggeeffamu irratti filattota gara kaadhimamaa hariiroo cimaa Chaayinaa barbaadanitti dhiibuuf yaalaa jirti, kunis Chaayinaan dhiibbaa waraanaa fi siyaasaa dabalaa jirtuun odola karaa diimokiraatawaa bulfamtu kana akka abbaa biyyummaa ishee fudhattu dirqisiisuuf yaaluun ta’aa jira jedhan.
Walgahii Beejiingitti gaggeeffame kana hogganaan paartii Koominiistii Chaayinaa sadarkaa 4ffaan i Waang Huning irratti kan argame yoo ta’u, itti aanaa itti gaafatamaa garee hooggansa giddugaleessaa Beejiing kan dhimma Taayiwaanitti dura ta’aa ta’ee fi Pirezidaantii Shii Jinpingiin durfamu ta’uu qondaaltonni nageenyaa Taayiwaan hedduun dhimmicha gabaastotaaf yaada kennaniin himaniiru.
Kutaan quunnamtii Chaayinaa, Ministeera Nageenya Mootummaa, Ministeera Ittisaa fi Waajjira Dhimma Taayiwaan dabalatee dhaabbilee adda addaa irraa hojjettoonni olaanoon irratti hirmaachuu isaanii qondaaltonni nageenyaa Taayiwaan odeeffannoo basaasni Taayiwaan walitti qabe wabeeffachuun himaniiru.
Qondaaltonni sun dhimmichi miira namaa kan kakaasu waan ta’eef maqaan isaanii akka hin dha’amne gaafatan.
Pirezidaantiin U.S. Joo Baayiden ji’a darbe adeemsa filannoo Taayiwaan akka kabajan pirezidaantii Chaayinaa Shiin gaafataniiru.
Waajjirri Dhimma Taayiwaan Chaayinaa dhimma kana irratti gaaffii yaada akka kennaniif dhiyaateef deebii hin kennine.
Filannoo Taayiwaan keessatti geggeeffamu kana kaadhimamtootni Chaayinaaf amanamoo ta’aan akka aangootti dhufaniif carraaqqii adda addaa hanga Viisaa bilisaan Chaayinaatti imaluutti Chaayinaan ispoonsara taateefii turte.
Haa ta’u malee giddu seentummaan kun garmalee ifatti kan ba’u yoo ta’e balaa qabaachuu danda’a jechuun odeessa maddeen irraa argateen Rooyiters balballoomsee jira.

