ONM-ABO Mudde 13, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo bakka hojii idilee isaanii irraa maqaa adda addaa itti moggaasuun qabanii hidhuu itti fufuun, dheengadda Muddee 11, 2023 mooraa barnootaa Yuunivarsiitii Dambi Doolloo keessaa barataa Iyyoob Faantahuun jedhamu qabanii erga hidhaniin booda baruu fi barsiisuun dhaabbatee jira.
Barattootni mooraa yuunivarsiitichaa mooricha keessatti wabii hin qabnu, waraanni faashistii PP akkasumas milishoonni akka fedhanitti mooraa seenaanii barataa qabanii deemuu fi hoogganni moorichaa dhimma kana keessaa quba qabu jechuun hanga har’aatti gabatee barnootaatti hin deebine.
Mormiin barattoota Yuunivarsiitii kun Wiixata waaree boodaa kaasee kan hin dhaabbanne ta’us, doorsisni poolisii federaalaa fi hoggantoota moorichaan irra ga’uun barattootni hedduun dabalataan hidhamaa jiru.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti barattoota hidhaman keessaa kan maqaa arganne Iyyoob Faantahuun fi Taammiraat Dhugumaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

