Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yuunivarsiitiin Dambii Doolloo irraa barattootni fi barsiisotni qabamuun itti fufe

ONM-ABO Muddee 15, 2023

Waraanni faashistii PP barattootaa fi  barsiisota mooraa Yuunibarsitii Dambi Doolloo humnaan seenanii qabuu itti fufuun, kaleessa Muddee 14, 2023 dhimmi nageenyaa godina Qellem Wallaggaa Tasammaa Waariyoo “Yuunibarsitiin kun bulchiinsa godina keenyaa jala waan jiruuf yeroo barbaannetti seennee tarkaanfii barbaannee fudhachuu dandeenya jechuun bakka Perisidaantiin mooriichaa Dr Lataa Tasfaayee jiranitti barattoota akka qabuu dhaadate deeme.

Ergaa baratootni lama Iyyoob Faantahuun fi Taammiraat Dhugumaa hidhamanii asi guyyaa har’aa Muddee 15 barsiisaan Yuunibarsitichaa Sanyii Kabbadaa Waaqayyoo fi konkolaachisaan moorichaa Amaanu’el Fiqaaduu hojii idilee isaanii irraa qabamuun  hidhanii jiru.

Haala amma mooricha keessatti raawwachaa jiruunis barattoonni rifaatuu fi yaaddoo guddaa keessa seenanii  jiraachuun barameera.

Mooricha keessatti erga sababa tokko malee qabamee hidhamuu barataa Iyyoob irraan kan ka’ee mormiin barnoota dhaabuu eegalee har’aan guyyaa arfaffaaf lakkoofsisee jira.

Barsiisaa Sanyiin Yuunibarsitichatti  barsiisaa Fookilarii ti. Waraanni faashistii PP hojjettoota moorichaa gidduudhaa waraqaa mana murtii malee qabanii deeman jechuun barattootni dubbatu.

Gochi kun ta’e jedhamee barattoota barnoota irra jiran kakaasuun mooraa barnootaa jeeqsisuuf shira siyaasaatu bilxiginnaan hojjetamaa jira kan jedhan barattootni moorichaa, uummatni Oromoo fi barattootni bakkoota biroo jiran rakkoo keenyaaf nu cinaa haa dhaabbatan jechuun dhaammattaniiru.

Exit mobile version