ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024
Ergamtoonni PP fi qondaalonni bilxiginnaa murna kana baraaruuf hojii gara jabummaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa erga turaniin booda, hojii isaan hojjetan fuul dura siquu gaafa didu, walii isaaniis namoota biroos amanuu dadhabuun, maanguddoota dabalatee dhukkubsattoota shakkiidhaan mana hidhaatti guuraa jiru.
Magaalaa Dambii Doolloo dabalatee aanota godina Qellem Wallaggaa jala jiran mara keessatti hidhaan jabaatee kan itti fufe yoo ta’u, Waxabajjii 18, 2024 jiraattota ganda Laaftoo kan ta’an obbolaa lamaan Obbo Girmaa Biraasaa fi Aadde Alamii Biraasaa sababa obboleessi isaanii namni maatii qabu umriin isaa 30 ta’e hidhatee WBO ta’ee jiruuf qofa qabanii hidhan. Obbo Girmaa kan ammaa waliin yeroo sadaffaaf hidhamuu maddeen gabaasan.
Akkasumas Kamisa galagala Waxabajjii 20, 2024 Obbo Kaasahuun Faradaas irra deebiin qabanii hidhuun barameera.
Obbo Kaasahuun kanaan duras yeroo garaagaraatti sababa ilma isaaniif hidhamanii dararamaa turuun kan yaadatamuudha. Maanguddoon kun nama dhukkuba dhiibbaa dhiigaa dhukkubsatan yoo ta’an, yeroo darbe mana hidhaa keessatti dhukkubni kun waan kuffiseef mana hidhaa keessaa baasuun mana yaalaa geessanis fayyuu waan hin dandeenyeef mirga wabii eeganiifii gadi dhiisanii turan jedhu jiraattotni. Erga gadi dhiisaniis waraanni sirnichaa akka waan ilmi isaa galee abbaa ilaaluutti yaaduun mana isaatti marsanii eegaa turuu fi guyyaa lama gidduutti ilma kee waamii galchi hin galchitu taanaan mana kana keessatti ibbiddaan isin fixna jechuun doorsisaa turuu maddeen gabaasan.
Itti dabaluun, maanguddoo nageenya maatii isaaniitiif maqaa isaanii ibsuu hin barbaanne tokko magaalaa Dambii Doolloo keessaa qabuun hidhanii jiru.
Maanguddoon kun dhibeelee akka dhiibbaa dhiigaa fi narviitiin qabamanii kan rakkatan yoo ta’u, waraanni PP mooraa yuunvarsiitii Dambii Doolloo keessa buufatanii jiran badii tokko malee qabuun hidhanii jiru.
Qonnaan bultoota hedduu kan hirmaannaa siyaasaa hoomaatuu hin qabne shakkiin hidhanii bakka dararaa jiranitti, walii isaaniis wal shakkuun guyyaa irraa wal hidhaa fi walitti dhukaasaa akka jiran maddi keenya magaalaa Dambii Doolloo irraa Arraata Biyyoolessa Oromootti himeera.

