Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu, sabboontota ilmaan Oromoo hidhuu fi dararuu kan aadeffate murni nama nyaataan PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhu itti maxxansuudhaan uummata fayyaalessa, nagaa dhorkachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan Adoolessa 29, 2024 goolessitoonni bilxiginnaa godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Miinkoo jedhamutti maanguddoota biyyaa kan ta’an torba kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Ayyaloo Suleemaan,
  2. Obbo Girmaa Ayyalaa,
  3. Obbo Beekaa Qannoo,
  4. Obbo Buzaayyoo Ittafaa,
  5. Obbo Abboomaa Masaadii,
  6. Obbo Zeenuu Faarisii fi
  7. Obbo Latiimoo Shaafii kanneen jedhaman badii tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhuun hidhuu maddeen keenya itti dhiyoo eeranii jiru.

Akka maddeen keenya kun himanitti, “namoonni kunneen  abbootii maatii fi jaarrolii biyyaa yoo ta’an, siyaasa kam keessaayyuu maanguddoota harka hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu himuun, gocha suukkanneessaa murni aangoo of harkaa qabu nu irratti raawwachaa jiru qaama itti iyyannus wallaallee gidiraa guddaa keessa jirra” jechuun miira gaddaan, Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version