Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Warraaqsa Oromiyaa Baraaruu Milkeessuuf Karaan Godina Qellem Wallaggaa Dambii Doolloo fi Muggii akkasumas Finfinnee irraa Dambii Doolloo qunnamsiisu cufame

Warraaqsa Oromiyaa Baraaruu Milkeessuuf Karaan Godina Qellem Wallaggaa Dambii Doolloo fi Muggii akkasumas Finfinnee irraa Dambii Doolloo qunnamsiisu cufame.

ONM-ABO Muddee 11, 2022 Waamicha Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasise ofitti fudhachuun qeerrowwan Oromoo uggura geejjibaaf daandii cufaa jiru.

Akka kanaanis Warraaqsa Oromiyaa Haa Baraarruu bor Muddee 12, 2022 irraa eegalee hojiitti galuuf har’a irraa ka’uun tarkaanfii daandii cufuu godina Qellem Wallaggaa keessatti fudhatanii jiru.

Labsa kana bu’uura godhachuun daandii magaalaa Muggii fi Dambii Doolloo wal quunnamsiisu akkasumas Dambii Doolloo fi Finfinnee wal quunnamsiisu qeerroo bilisumma Oromoon cufameera.

Warraaqsi tartiibawwan gochaa ka’amee fi dhaadannoolee adda addaa dabaalame itti fufa kan jedhan qeerroo bilisumma Oromoo godina Qellem Wallaggaa ti.

Exit mobile version