Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Daandiin Gimbii fi Dambii Doolloo Wal quunnamsiisu qeerroo bilisumma Oromoon cufame

Daandiin Gimbii fi Dambii Doolloo Wal quunnamsiisu qeerroo bilisumma Oromoon cufame.

ONM-ABO Muddee 11, 2022 Waamicha Warraaqsa Oromiyaa Haa Baraarruu hawwaachuun qeerroon bilisumma Oromoo hojii daandii cufuun diddaa agarsiisuu jalqabe.

Haaluma kanaan waamicha taasifameef bu’uura godhachuun galgala kana irraa qabuun daandii godina lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii fi Dambii Doolloo akkasumas Gimbii fi Asoosaa wal quunnamsiisu cufuun hojii birmannaa sabaa eegalee jira.

Morma koo kenneen sabaa fi biyya koo tiksa kan jedhan qeerroon bilisumma Oromoo godina Lixa Wallaggaa labsa kana hojiitti hiikuun warraaqsa jijjiirama buqqaasii fidu geggeessuuf qophii ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version