Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa Jalqabbii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa

ONM-ABO Amajjii 3, 2024

Waamicha Qeerroon Bilisummaa Oromoo Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa har’a sa’a 12:00 kaasee waameen daandiin,

Lixa Shaggar Ada’aa Bargaa, Meettaa Walqixxee fi Abuunaa Gindabarat keessatti akkasumas Kibba Lixa Shaggar daandii Wallisoo, Kaaba Shaggar aanota adda addaa keessatti cufameera.

Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa Anfilloo fi Dambii Doolloo gidduu, Dambii Doolloo fi Finfinnee gidduu akkasumas Lixa Wallaggaa fi Horroo Guduruu keessaa bakkoota hedduutti sochii dhaabbateera.

Kibba Baha godina Arsii keessatti hojiin labsii kana hojii irra oolchuu itti seenameera.

Odeessa dabalataa wal qaqqabsiisna.

Diddaan cunqursaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version