Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kooriyaan Kaabaa yeroo dhiyootti ICBM yaaluu dandeessi jedhan qondaalli Kibbaa marii niwukilaraa DCtti gaggeeffamu dura

Kooriyaan Kaabaa ji’a kana keessa misaa’ela balistikii ardiilee gidduutti (Intercontinental Ballistic Missile, ICBM) yaaluun ni malti  jedhan qondaalli olaanaa Kooriyaa Kibbaa Jimaata har’aa  qondaaltota U.S. waliin deebii doorsisa meeshaa niwukilaraa Piyoongiyaangiif kennitu irratti marii taasisuu isaa dura.

Itti aanaan gorsaa nageenya biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa Kim Taye-hayo bu’uura yaada isaanii kana irratti ibsa bal’aa kan didan yoo ta’u, garuu misaa’eloonni balistikii Kooriyaa Kaabaa xiyyeeffannoo tarsiimoo ” Ittisa Dheeraa ” Waashingitaniif ta’uu dubbataniiru.

Kiim yeroo Waashingitan ga’an gaazexeessitootatti akka himanitti, “ Ittisa dheeraan karaa (haleellaa niwukilaraa) dafanii fi murteessaa ta’een lafa kaa’an barbaaduudha jechuun, amma ammoo, Muddee kana keessa, Kooriyaan Kaabaa ICBM furguggisuu akka dandeessu  nan amana ” jedhan.

Misaa’eloonni balistikii Kooriyaa Kaabaa mataa waraanaa niwukilaraa qabachuu waan danda’aniif fageenya isaanii osoo hin ilaalin balaa niwukilaraa ta’uu Kiim dabalaniiru.

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela balistikii adda addaa kan Kooriyaa Kibbaa, Jaappaanii fi Ameerikaa rukutuu danda’an hojjettee yaaltee jirti.

Pirezidaantii konsarvaatiivii Yoon Suk Yehool jalatti Kooriyaan Kibbaa ittisa Kooriyaa Kaabaa irratti qabdu cimsuuf tattaaffii taasiftu cimsitee kan jirtu yoo ta’u, yoo waraanni uumames meeshaa waraanaa niwukilaraa dabalatee qabeenya waraanaa tarsiimoo U.S. fayyadamuu irratti xiyyeeffatteetti.

Kiim Jimaata har’aa marii garee gorsaa Niwukilaraa (NCG) marsaa lammaffaaf Waashingitan kan jiran yoo ta’u, mariin kun  sadarkaa olaanaa hoggantoota Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa gidduutti tarsiimoo ofirraa ittisuu dheeraa qindeessuuf kaayyeffateedha.

Kiim akkasumas sagantaa misaa’ela Kooriyaa Kaabaa kana Kooriyaa Kibbaa, Jaappaanii fi Ameerikaa gidduutti yeroo qabatamaatti daataa qooduuf yaadame ”sadarkaa xumuraa irra jiraachuu” fi yeroo dhiyootti beeksisni sirnaa akka bahu dubbataniiru.

Kooriyaan Kaabaa baatii Adoolessaa keessa misaa’ela balistikii fageenya dheeraa yaaltee kan turte yoo ta’u, xiinxaltoonni akka jedhanitti, boba’aa jabaa ICBM kan daandii olka’aa irratti balali’ee fi olka’iinsa kiiloo meetira 6,648 (maayilii 4131) irra ga’ee galaana gara bahaa Kooriyaatti gadi bu’ee ture.

Ji’a Sadaasaa keessa Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii sakatta’iinsa waraanaa ishee jalqabaa sochii hawaa marsaa lamaa irratti furguggisuun Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaan teeknooloojii misaa’ela balistikii dhorkame fayyadamuu isheetiin balaaleffatanii turuu Rooyitars gabaase jira.

Exit mobile version