Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ameerikaa, Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa tumsa ittisaa dhaabbataa taasisuuf waliif mallatteessan

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Hooggantoonni ittisaa Jaappaan, Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa Dilbata kaleessaa Waliigaltee  ”balaa niwukilaraa fi misaa’elaa” fi qormaata nageenyaa naannoo biroo Kooriyaa Kaabaa irraa itti aggaamamu qolachuuf mallatteessan jechuun Kiyoodoo News gabaaseera.

Waliigalteen kun  marii imaammataa, odeeffannoo waliif qooduu fi shaakala waloo itti fufsiisuuf tumsa ittisa biyyoota sadii dhaabbata taasisuu irratti kan xiyyeeffateedha.

Ministirri Ittisaa Jaappaan Minooruu Kihaaraa, ministeera ittisa Ameerikaa Looyd Oostiin fi Ministira Ittisaa Kooriyaa Kibbaa waliin wal arguu isaanii hordofuun, “Waliigaltee kana mallatteessuudhaan tumsi biyyoota sadii … caalaatti jabaachaa dhufuu ibsuun, kunis jijjiirama haala idil-addunyaa keessattis hin raafamu,” jedhan.

Waliigalteewwan Bu’uura Tumsa Nageenyaa Biyyoota Sadii duraan hojiirra oole keessatti argaman, kanneen waggaa waggaan dabareedhaan walgahii ministeerotaa keessummeessuu fi odeeffannoo yeroo qabatamaa waa’ee misaa’ela Kooriyaa Kaabaa walitti dhiyeenyaan qooduu kan dabalatu ta’uu Kihaaraan ibseera.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo waldhabdeen dooniiwwan Chaayinaa fi Filiippiinsii gidduutti  Galaana Kibba Chaayinaa keessatti dabalaa dhufeetti. Tookiyoo, Waashingitan fi Siyool himannaa galaanaa Chaayinaan Galaana Chaayinaa Kibbaa keessatti qabdu yaaddoo keessa kan turan yoo ta’u, Taayiwaan, odola dimokiraatawaa ofiin bulchituu fi Beejiing akka bulchiinsa “cabsiteetti ” ishee ilaaltu irratti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gaafataniiru.

Ministiroonni sadan ibsa gaazexeessitootaaf waloo kennaniin, ”walta’iinsi waraanaa fi dinagdee Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa gidduu jiru dabalaa dhufuu isaatiinis yaaddoo guddaa kan qaban yoo ta’u, balaa niwukilaraa fi misaa’elaa Piyoongiyaangii geessistu ofirraa ittisuuf dhaadataniiru.”

Kanaan dura hoggantoonni ittisaa Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaanis marii biyyoota lamaanii gaggeessaniiru. Waggoota 15 booda itti gaafatamaan ittisa Kooriyaa Kibbaa Ministeera Ittisaa Jaappaanitti daawwannaa isa jalqabaa geggeessanii turuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Exit mobile version