Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US, Jaappaan, Kooriyaan Kibbaa Indoo-Paasifiik keessatti tasgabbii eeguuf murtoo haaromsan

ONM-ABO Hagayya 19, 2024

Hooggantoonni US, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa nagaa fi tasgabbii Indoo-Paasifik keessatti eeguuf murtoo isaanii haaromsaniiru. Tattaaffii Kooriyaan Kaabaa ”sagantaa meeshaa waraanaa jumlaa maallaqaan deggartu” jeequuf taasiftu beekamtii kennaniiru.

Prezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden, Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yeol fi Ministirri Muummee Jaappaan Fumio Kishiidaa ibsa waloo Dilbata kaleessaa erga walga’ii Kaamp Deevid waggaa tokko dura taasisaniin booda kennaniin walta’iinsa karaa sadiitiin adeemsa jiru kabajuu isaanii dhaabbanni oduu  Siyool keessatti argamu Yonhap News gabaaseera.

Ibsi waloo kun kan kenname shaakala waggaa waggaadhaan Kooriyaa Kibbaa fi US gidduutti gaggeeffamu kan Wiixata har’aa  jalqabuuf karoorfame dura.

“Kaayyoo waliinii qabnu kan nageenyaa fi badhaadhina naannichaa fi addunyaa tarkaanfachiisu galmaan ga’uuf waliin hojjechaa jirra” jedha ibsichi. “Qormaata naannoo, kaka’umsa, fi doorsisa dantaa waloo fi nageenya keenya irratti dhiibbaa geessisan irratti mari’achuuf waadaa galle cinaa dhaabanna,” jechuun dabalee ibseera.

Shaakala biyyoota sadii kan dameelee hedduu qabu  baatii Waxabajjii keessa eegaluu fi ji’a darbe bu’uura Tumsa Nageenyaa Biyyoota Sadii haaraa mallatteessuu dabalatee bu’aawwan ijoo gama nageenyaa irratti galmaa’an kan ibsan, hoggantoonni sadan kun tattaaffii gareen hojii biyyoota sadii Kooriyaa Kaabaa jeequuf taasisaa jirus hubataniiru. 

“Indoo-Paasifiik keessatti nagaa fi tasgabbii eeguuf, mul’ata waliinii qabnu keessatti hiriirre turuuf, qormaata gurguddoo addunyaa kana dandamachuuf qophii taanee dhaabbachuuf murtoo qabna,” jedha ibsichi.   Itti fufee, ”Tumsi Jaappaan, Rippabiliika Kooriyaa fi Ameerikaa gidduutti taasifamu qormaata har’aa furuuf kan hin hafne ta’uu fi egeree badhaadhinaaf waltajjii kan mijeessuu ta’uu amantaa hin raafamne qabna,” jedheera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version