Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan tumsa waraanaa Moskoo fi Piyoongiyaang balaaleffatan

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024 Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan Wiixata kaleessaa tumsa waraanaa Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa gidduutti guddachaa dhufe balaaleffataniiru.

Ibsa waloo biyyoonni sadan kennaniin, “dabarsi meeshaa waraanaa itti fufiinsaan” Piyoongiyaangii fi Moskoo gidduutti taasifamu gidiraa uummata Yukireen dabala, Murtii Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii dachaa “kan cabsuu” fi Kaaba Baha Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti “tasgabbii balaadhaaf saaxiluudha” jedhan.

Deebiin kun kan argame Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin dhiheenya kana gara Kooriyaa Kaabaatti imala taasisaniin booda yoo ta’u, isaan keessaa tokkoon isaanii biyya sadaffaan yoo haleelaman “yeroo malee” gargaarsa waraanaa waliif kennuuf Kiim Joong-un waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Waashingitan, Seyuul fi Tookoon waliigaltee Tumsa Tarsiimoo Waliigalaa Moskoo fi Piyoongiyaang gidduutti mallatteessuun “nama nagaa fi tasgabbii Peeniinsulaa Kooriyaa eeguuf fedhii qabu kamiifuu yaaddoo guddaa ta’uu qaba” jedhan.

Michoonni sadan kunneen “balaa” Piyoongiyaang nageenya naannoo fi addunyaa irratti geessistu jedhame qolachuuf akkasumas haalli kun akka hin hammaanneef tumsa dippilomaasii fi nageenyaa daran akka cimsan himaniiru.

Isaan garuu itti dabaluudhaan daandiin marii “banaa ta’ee jira” jechuun Piyoongiyaang “kaka’umsa dabalataa  dhaabdee akka gara mariitti  deebitu” gaafataniiru.

Gama biraatiin ammoo Kooriyaan Kaabaa Wiixata kaleessaa Ameerikaan xiyyaara fe’umsaa humna niwukilaraa gara Kooriyaa Peeniinsulaatti erguu ishee balaaleffachuun ”wantoota ofirraa ittisuu danda’an hunda” akeekkachiifteetti.

Ibsa gabaabaa itti aanaan Ministeera Ittisa Biyyaa Kiim Kaang Il kennaniin, ”humnoota diinummaa” ”gocha kaka’umsaa” raawwatan cimsanii balaaleffatachuun,  waan ofirraa ittisuu dandeenye hunda agarsiisuuf qophiidha jedhan jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version