ONM-ABO Waxabajji 2, 2025
Kooriyaan Kaabaa Wiixata har’aa tumsa waraanaa Raashiyaa waliin qabdu kan ittiste yoo ta’u, hariiroo isaanii kanas “nagaa fi tasgabbii” Awurooppaa fi Eeshiyaa irratti kaayyeffate jette.
Biyyoonni lamaan waggoota dhiyoo asitti tumsa waraanaa cimsanii kan jiran yoo ta’u, Piyoongiyaang waraana Raashiyaan Yukireen irratti geggeeffamu deggaruuf meeshaa waraanaa fi loltoota dhiyeessiteetti
Loltoonni Kooriyaa Kaabaa 600 ta’an ajjeefamaniiru, kanneen biroo kumaatamaan ammoo Raashiyaadhaaf lolanii madaa’uu isaanii miseensi seeraa Kooriyaa Kibbaa Lee Se’ong-Kiwe’un tajaajila basaasaa biyyattii wabeeffachuun himaniiru.
Gareen hordoffii qoqqobbii biyyoota hedduu Kooriyaa Kibbaa, Ameerikaa, Jaappaanii fi biyyoota 8 biroo dabalatee Jimaata darbe hidhata sana “seeraan ala” jechuun balaaleffataniiru.
Deebii kanaaf, Piyoongiyaang, tumsi isheen Moskoo waliin qabdu “abbaa biyyummaa eeguu,, tokkummaa naannoo fi dantaa nageenyaa biyyaa eeguu irratti xiyyeeffate” akkasumas “naannoo Yureeshiyaa keessatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu” dha jechuu AFP’n gabaaseera.

