Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kooriyaan Kaabaa waliigaltee doonii bishaan jalaa niwukilaraa Aukus US Ameerikaan Awustiraaliyaa waliin taasifte qeeqxe

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Miidiyaaleen kutaa biyyaa Kooriyaa Kaabaa Kamisa har’aa Ameerikaan waliigaltee doonii niwukilaraa bishaan jalaa  Awustiraaliyaa waliin  bara 2021 mallatteessuun “nagaa naannoof sodaachisaadha” jechuun qeeqan.

Yaadni KCNA’n ba’e tokko, Waashingitan waan gamtaa niwukilaraa ta’uu, Aukus fi tumsa biyyoota sadii Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan waliin taasisan irraa of eeggachuu qabdi jedheera.

Awustiraaliyaan kaffaltii doolaara miliyoona 500 jalqabaaf niwukilaraa doonii bishaan jalaa AUKUS kanaaf US’f raawwatte.

AUKUS jalatti, Awustiraaliyaan dandeettii indaastirii doonii bishaan jalaa Ameerikaa guddisuuf doolaara biiliyoona 3 kan kaffaltu yoo ta’u, Waashingitan jalqaba bara 2030moota keessa dooniiwwan bishaan jalaa humna niwukilaraa sadarkaa Varjiiniyaa hedduu akka itti gurgurtutu eegama.

Kooriyaan Kaabaa tumsa waraanaa biyyoota sadii Kooriyaa Kibbaa, Jaappaanii fi US gidduutti taasifamu qeeqaa kan turte yoo ta’u, hariiroo kanas “NATO  Eeshiyaa” jetteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version