Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii keessatti boondii bitadhaa jechuun daldaltoota dararuu jabeessan 

ONM-ABO Muddee 16, 2023

Caasaan faashistii PP godina Lixa Wallaggaa magaalaa Ganjii keessatti torbee darbee kana daldaltoota  magaalicha keessa jiran cufaan maqaa boondii bitadhaa jedhamuun dirqamaan maallaqa saamamaa jira.

Daldaltootni magaalicha keessa jiran kanneen mana nyaataa, mana dhugaatii, mana puulii, daldaltoota gosoota addaa addaa eyyama daldalaa baafatanii hojii idilee isaanii geggeeffatan mara mana hojii isaanii hunda irra deemuun maallaqa funaanaa fi warra hin qabnu jedhan caasaa bilxiginnaa waraanni keessatti qindaa’een manni isaanii cufamaa jira.

Daldaltoota sadarkaan qooduun maallaqa fuuchaa kan jiran ergamtootni Abiy Ahimed Daldaltoota garee A irraa qarshii 10,000, daldaltoota garee B irraa qarshii 5000, daldaltoota garee C irraa ammoo qarshii 2000 maqaa boondii bitadhaan humnaan irraa fuuchaa akka jiran barameera.

Abiy Ahimed hidhi  guddichi laga Abbayyaa tajaajila siyaasaaf hojjetame jechuun hojii abboota isaa kuffisuuf bara gadaa aangoo isaa jalqabaa dubbatus dinagdeen impaayerattii sababa waraanaan harkatti yeroo ol adeemuu diddu ammoo piroojektoota EPRDFtti fayyadamuun maallaqa guuruu tooftaa godhatee jira.

Dhiyeenya kanas ibsa ministeroota isaaf kenneen, Abbaayaa fi galaanni diimaan Itoophiyaaf murteessaa yeroo jedhu Waxaabajjii darbe ammoo Abbaayyaan bishaan ganna kana hin guunnu jechuun pirezidaantii Masirii Abdul Fattaa Al Siisiif kakatee turuun ni yaadatama.

Exit mobile version