Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Manni murtii mootummoota Lixa Afrikaa ECOWAS pirezidaantii Niijeer Baazuum kan fonqolchaan aangoo irraa kaafame akka deebi’u ajaje

ONM-ABO Muddee 16, 2023

Manni murtii mootummoota Afrikaa Dhihaa pirezidaantiin Niijar humna waraanaan aangoo irraa kaafaman Mohaammad Baazuum fi maatiin isaanii humnaan ukkaamfamanii jiran hojiitti akka deebi’an gaafachuu Aljazeeraan gabaase.

Baazuum miseensotuma waardiyyaa pirezidaantiitiin Adoolessa 26 aangoo irraa kan kaafaman yoo ta’u, ergasii haadha warraa fi mucaa isaanii waliin mana keessatti hidhamanii jiru.

Fonqolchi mootummaa kun bal’inaan kan balaaleffatame yoo ta’u, waamichi bal’aan gara bulchiinsa dimokiraasiitti akka deebi’aniif godhamaa jiruun, garee siyaasaa fi dinagdee Afrikaa Lixaa guddicha, Hawaasa Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa (ECOWAS) irraa qoqqobbiin irra akka kaa’amu ta’eera.

Jimaata kaleessaa Manni Murtii Haqaa ECOWAS Abuujaatti dhaddacha taa’een mootummaan waraanaa Niijeer  Baazuumiin hojiitti deebisuun sirna heera mootummaa akka deebisee hundeessu ajaje. Abbaan murtii Giberii-Be Oyuhataran Baazuum hatattamaan haal-duree tokko malee akka gadhiifaman gaafate.

Akka abukaatoon isaa Seyiduu Diyaanyee jedhutti Baazuumiin bilisa baasuuf Fulbaana 16 mana murtiitti himata baneera.

Mootummaan waraanaa Niijeeris qoqqobbii ECOWAS biyyattii irra kaa’e akka kaafamu baatii Onkoloolessa keessa mana murtiitti himata dhiheessee ture. Haa ta’u malee gaaffiin isaanii kun Muddee kana keessatti akka kufu taasifameera jechuun Aljazeeraan gabaasa isaa kaleessaan ibsee jira.

Exit mobile version