Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Manni murtii waraanaa Nijeer ilma pirezidaantii aangoo irraa kaafamee yeroof akka gadhiifamu taasise

ONM-ABO Amajjii 10, 2024

Ilmi Pirezidaantii Nijeer Mohaammad Baazuum kan bara darbe fonqolcha mootummaatiin kuffifame Saaleem Baazoum Wiixata kaleessaa yeroof gadhiifamuu isaa ibsi mana murtii waraanaa Niyaamey baase ni mul’isa.

Dargaggeessi ganna 22 kun erga fonqolcha mootummaa baatii Adoolessaa keessa raawwatamee as warra isaa waliin mana jireenyaa pirezidaantichaatti hidhamee ture keessaa tokko. Manni murtichaa hiree warra Saaleem ilaalchisee bal’inaan hin ibsine.

Fonqolchi mootummaa kun bara 2020 irraa eegalee Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessa saddeet keessatti raawwate keessaa tokko yoo ta’u, gochi kunis bal’inaan balaaleffatamuun biyyoota Hawaas Diinagdee Afrikaa Dhihaa (ECOWAS) irraa qoqqobbii akka irra kaa’amu taasiseera.

ECOWAS Baazoum akka gadhiifamuu fi gara bulchiinsa dimokiraasiitti akka deebi’u waamicha bal’aa taasisee ture.

Niijer erga pirezidaantiin filataman Baazuum aangoo irraa kaafamanii as hoggantoota waraanaatiin bulaa kan jirtu yoo ta’u, kunis balaaleffannaa idil-addunyaa uumeera. Bulchaan waraanaa Jeneraal Abdurahamane Tchiyaani sirni isaanii gara mootummaa siiviiliitti deebi’uuf hanga waggaa sadii akka barbaadu dubbataniiru.

Maddi pirezidaantii aangoo irraa kaafamanitti dhihoo ta’e dhaabbata oduu AFPtti akka himetti, Saalem Baazoum Niyaamey irraa gara magaalaa guddoo Toogoo Loomee, bakka inni Wiixata galgala ga’etti akka deeme himeera.

Ibsi mootummaan Togoo baase akka addeessutti, Toogoo fi Seeraaliyoon irraa gidduu seentummaa taasifameen booda Baazuum dargaggeessi kun akka gadhiifamu waliigaltee irra ga’uu mirkaneessuun, eessa akka jiru bal’inaan hin ibsine.

Niijer yeroo ammaa kana ECOWAS irraa kan dhorkamte yoo ta’u, Baazoum gadhiifamuu fi aangootti deebi’uun isaa qoqqobbii salphisuuf haal-duree keessaa tokko ta’uu ibsuu Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version