ONM-ABO Mudde 18, 2023
Ministeerri Awurooppaa fi Dhimma Alaa Faransaay Israa’el naannoo kanaan dura lafa nageenyaati jedhamee labsame gamoo mana jireenyaa Raafah irratti boombii dhoosteen hojjettoota ishee keessaa tokko ajjeesuu balaaleffatte.
“Faransaay boombii gamoo mana jireenyaa irratti dhoohe kan lammiileen nagaa biroo hedduun du’an kana ni balaaleffatti, haala boombii kana irrattis aanga’oonni Israa’el saffisaan ibsa akka kennan ni gaafanna” jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Faransaay kun Dilbata kaleessaa ibsa kennaniin addeessaniiru.
Jimaata galgala manni kun kan rukutame yoo ta’u, hojjetaa fi namoota biroo 10 kanneen miiltoowwan hojii fi miseensota maatii isaanii waliin bakka jireenyaa sanatti gaaddisa godhachaa turan lubbuun isaanii darbeera.
Hojjetaan kun bara 2002 irraa eegalee mootummaa Faransaay waliin Gaazaa keessatti hojjechaa kan ture yoo ta’u, miseensonni maatii isaa tokko tokkos kanaan dura Gaazaa keessaa baafamaniiru jechuun ministeerittiin jajjabina hawwiteettiif.
Ibsi ministeerittii kan ba’e yeroo haleellaan boombii “loogii malee” Gaazaa keessatti raawwateen dhiibbaan alaa Israa’el irratti dabalaa jirutti. Lammiileen Falasxiin gara 19,000 ajjeefaman keessaa dhibbeentaan 80 ol lammiilee nagaa ta’uutu himama.
Ministirri Dhimma Alaa Faransaay Kaatiriin Kolonaan kaleessa Gaazaa keessatti dhukaasni “hatattamaa fi yeroo dheeraaf” akka dhaabbatu dhiibbaa kan godhan yoo ta’u, Paaris haala naannoo Falasxiin waraanaan barbadaa’e keessatti mul’atuun “baay’ee yaaddoo” akka qabdu himaniiru.
Onkoloolessa 7 irraa eegalee lammiileen Falasxiin 290 ol humnoota Israa’eliin ykn qubsiistota West Baankii keessa jiraniin ajjeefamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa naannoo sanaa jechuun Aljazeeraan gabaasa isaan addeesseera.

