Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa, Gujii Bahaa keessatti tarkaanfii laalessaa diina irtatti fudhachuu beeksise

ONM ABO Mudde 19, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa, Godina Gujii Bahaa, Aanaa Gooroo Doolaa keessatti guyyaa har’aa, mudde 19, 2023 ganama irraa eegaluun tarkaanfii laalessaa diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Lola kanaanis loltoota diinaa irraa namoota 50 fayyaatti kan booji’e yoo ta’u, gama meeshaatiin Sniper 1, Bireenii 2, Qawwee AKM hanga ammaatti 50 irraa booji’uun dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti lolli itti fufee waan jiruuf itti baha lola kanaa jala buunee hordofnee isin biraan geenya.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version