Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guutuu tarkaanfii WBOn aanaa  Gooroo Doolaatti fudhate

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa, Konyaa Gujii Bahaa keessa Socho’u Guyyaa kaleessaa jechuun Mudde 19, 2023 tarkaanfii laalessaa humna weerartu diinaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Guyyaa kana godina Gujii Bahaa, aanaa Gooroo Doolaa keessatti Barii Barraaqa irraa eegaluun tarkaanfii laalessaa diina irratti fudhateen injifannoolee cululuqoo galmeessuun meeshaa humni weerartuu baattee dhufte dugda ishee irraa hiikuun galii moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof kan galche yoo ta’u, booji’amaa dabalatee meeshaalee hedduu harkaa dhuunfachuu beekameera.

Gootichi abdiin sabaa WBOn gama meeshaatiin
Qawwee  AKM=…………….54
Bireenaa=………………………2
Isnaayippera ……………………..1
Dishqaa………………………….1 fi
Raadioo Quunnaamti………1
Waraana Abiy Ahimed irraa  hiikuun qabsichaaf galii godhee jira.

Dabalataanis WBO wabiin sabaa humna weerartuu hedduu du’aan adabuun, loltoota 31 fayyaatti yoo harkaan qabu, lolicha dura dhaabbachuu kan dadhaban ergamtootni PP madoo 100 ol ta’u dhiisanii baqachuus hooggansi WBO bakkichaa gabaasaniiru.

Tarkaanfii gootichi Waraana bilisummaa Oromoo fudhatu haga bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti itti fufa, Dhiigaa fi lafee ilmaan isheetiin Oromiyaa ni kabajamti.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version