Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti Qeerroon Bilisummaa Oromoo mana hidhaa cabsuun dargaggoota mootummaan leenjii waraanaatti guuruuf hidhe mana hidhaatii baasan 

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Humnaan ukkaamsuun akkasumas faayidaa gara garaan sossobuun dargaggoota gara moonaa leenjiitti guuraa kan jiru PPn, baha Harargee Aanaa Baddannoo keessatti dargaggoota humnaan qabuun gara moonaa leenjiitti geessuuf mana hidhaatti walitti qabatanii turan Qeerroon mancaan itti yaa’uun dargaggoota 30 mana hidhaa keessaa gadhiisisaniiru.

Harargee Bahaa, Gaara Mullataa Aanaa Baddannoo araddaa Mujaamil keesaatti waraanni PP dargaggoota humnaan qabuun gara moonaa leenjii geessuuf mana hidhaatti walitti kuusaa kan turan yoo ta’u, mudde 18, 2023, dargaggoonno mana hidhaa sana cabsuun abbaa araddaa dabalatee poolisoota mana hidhaa sana eegaa turan namoota 10 mancaan ciruun dargaggoota fedhii malee humnaan ukkaamfaman harkaa baafachuu maddeen gabaasaniiru.

Dargaggoonni kunneen mana hidhaatii ba’uu hordofuun Waraanni PP gara sanatti imaluun dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin namootni 4 rasaasa sirnichaan rukutamuun yaalamaa jiraachuu maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version